• Sat. Mar 14th, 2026

Lixa Shaggar aanaa Noonnoo keessatti ajjeechaan jumlaa hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraan raawwatame

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2024

Waggoottan bilxiginnaan maqaa Oromoon aangoo impaayerittii yaabee kaasee uummanni Oromoo daangaa irraa kaasee hanga qe’ee isaa keessatti humnoota finxaaleeyyii Amaaraatiin ajjeechaa suukkanneessaan irratti raawwatamaa jira.

Humnoonni tumsa bilxiginnaan meeshaa hidhachifaman kunneen Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa fi Kaaba Shaggar keessatti lubbuu kumootaan lakkaa’amu galaafachuun gubaatiin manneenii fi qabeenyi miliyoona hedduutti tilmaamamu humnoota kanneeniin gubachuu fi saamamuun taatee yeroo dhihoo Oromoon keessa jiruu dha.

Guyyaa dheengaddaa kanas  godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo ganda Qondaala jedhamutti hidhattootni Finxaalleeyyii Amaaraa  dheengadda Waxabajjii 14, 2024 namoota cidha irra jiran mana irratti boombii darbachuun battalumatti namni digdamni (20) mana waliin gubatee yoo barbadaa’u, namoonni afur warri lubbuun hafan gara bakkeetti bahuuf yeroo jedhan   rasaasaan rukutamuun lubbuun isaaniis darbuun beekameera.

Tarkaanfii humnoota finxaaleeyyii kanaan namoonni hedduunis kan madaa’an yoo ta’u yeroo ammaa kanas  hospitaala magaalaa Walisootti yaalamaa akka jiranii fi humnoota finxaaleeyyii Amaaraa uummata nagaa galaafate kanas hanga ammaatti tarkaanfiin kamuu karaa PP fi  loltoota isaaniin kan irratti hin fudhatamne ta’uus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading