ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024
Bilxiginnaan duula yeroo dheeraaf namoota nagaa irratti ajjeechaa, saamichaa fi hidhaa akeekkatee fi qabsoo bilisummaa Oromoo waraana bilisummaa Oromoon eegalametti gufuu ta’uuf jecha hiraarfama walitti fufiinsaan geggeessuuf qajeelfama badii loltoota isaaf kennuun akkaataa itti mormiin siyaasaa dhaabbatu jedhee yaaduun doorsisa, hidhaa fi ajjeechaa uummata irratti jabeessee jira.
Bifuma kanaanis dheengadda Waxabajji 13, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Daallee jedhamutti waraanni gabroomfataan PP magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa sochii godhan hawaasa gandoota sadii irratti doorsisa raawwachuun ganda Guyyoo Daallee keessaa namoota sadii qabuun gara magaalaatti ol deebi’anii hidhuun beekameera.
Namoonni humna faashistii PP’n butaman kunneen abbaa maatii kan ta’an Obbo Taaffasee Ittafaa, dargaggoo Milkeessaa Gurmuu fi Amaanu’eel Abarraa kanneen jedhaman Kamisa waaree booda naannoo sa’a 11:00’tti qabamuun hidhaman.
Namootni kunis hirmaannaa siyaasaa keessaa kan hin qabnee fi qonnaan bultoota ta’uun ni beekama.
Reebicha jabaa hidhamtoota kana irratti waraana maafiyaa PP’n raawwateen godaannisi qaama isaanii irratti ba’uu odeessi achii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.


