• Sun. Mar 15th, 2026

WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa keessatti Bobbaa Irbuu Shinniggaan diina du’aa fi madoon adabuu itti fufe

Jun 16, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo keessatti korommiiwwan Kibba Bahaa albuudotni Cilaaloo Cibraan Jaal Nadhii Gammada tarkaanfii waraana faashistii PP irratti #Bobbaa_Irbuu_Shinniggaan fudhachaa jiruun diina ba’aa fi gala dhorkee jira.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 13, 2024 cichitoonni kaayyoo haqaa diina uummata nagaa badii tokko malee hidhaa, ajjeesaa, qabeenya isaanii saamaa, ibiddaan barbadeessaa, gocha aadaa fi safuu hawaasichatti bu’u dalagaa turtee iddoo qubsuma isheetti itti marsuun mooricha keessaa bittinneessuun baasee jira.

Tarkaanfii kanas ilmaan Leenjisoo Diigaa godina Arsii Bahaa aanaa Xiyyoo ganda Soolee Utaa bakka Shoolaa jedhamtutti kan fudhatan yoo ta’u, tarkaanfii boonsaa kanaanis loltoota PP irraa 11 ajjeessuun 8 madeessee jireenya ishee abjuu gochuun tiksitoota teessoo Abiy Ahimed biyyoo nyaachisee jira.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 13, 2024 diina uummata yeroo dheeraaf saamsisaa turtee milishoota 3 fi caasaa ishee 2 dhabama taasisee jira.

Haaluma wal fakkaatuun har’a Waxabajjii 14, 2024 godinuma Arsii Bahaa aanaa Sirkaa keessatti tikoota bilxiginnaa qabeenya hawaasaa saamaa fi saamsisaa turte dhabama taasisee jira.

Tarkaanfii WBO fudhatu jabaatee itti fufa ❗️

Bobbaa_Irbuu_Shinniggaan

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading