ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Oromiyaatti murni bilxiginnaa aangoo isaatti gargaaramee heeraa fi seera, labsiiwwan adda addaa dabsuun murtii hamaa seeraa fi yaada uummataatiin faallaa hojii irra oolchuun gochaa ukkamsuu, reebuu, dararuu, ajjeesuu fi ukkaamsanii dhabamsiisuun dhiitee bulchuu faloo godhatee hammeenyummaa isaa agarsiisaa jira.
Akka kanaanis qe’ee ulfoo fi kabajamaa dachee Oromootaatti waraanni maafi’aa PP goolii uumuudhaan, hojii isaa hacuuccaa fi cunqursaa qofa taasise dheengadda Waxabajjii 14, 2024 guyyaa irraa naannoo sa’a 6:00’tti waraanni faashistii PP Arsii Bahaa aanaa Heexosaa ganda Terogibbii iddoo addaa Gaalloo jedhamutti mana qonnaan bulaa tokko ibidda itti shiduun guutummaa guutuutti gubuun mancaasanii deemuun himameera.
Qonnaan bulaan manni jalaa gubates maqaan isaa obbo Jibriil Aabbuu Ahimad kan jedhamu yoo ta’u, qabeenyi isaanii mana keessa tures hunduu gubachuun maatiin bakka bultii dhabuu fi qaama itti himatan dhabanii dararaa jabaa argaa akka jiranis ONM maddeen itti dhiyeenyaan rakkoo maatichaa hordofaa jiran irraa odeeffateera.

