ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Akka sabaatti uummanni Oromoo mirga lubbuun jiraachuu bara bilxiginnaa keessa hanqachuun guyyuu hidhaa fi ajjeechaan akka bineensa bosonaatti adamfamuun loltoota sirnichi leenjisee hawaasa keessa bobbaaseen raawwatamaa jira.
Haaluma kanaan Waxabajjii 15, 2024 Zoonii Kibba Baha Oromiyaa aanaa Martii ganda Gola Gootaa iddoo addaa Afurtamii Lamaa jedhamu keessatti murni maafiyaa PP kan tarkaanfii Waraana Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaatiin baaraage hawaasa nagaan jireenya dhuunfaa geggeeffatu jumlaan hidhaa jiraachuu dubbatu.
Sirni daba hojjechuun jireenya isaa ta’e, bilxiginnaan ganama barii lafaa milishootaa fi waraana raayyaa ittisa biyyaa ofiin jedhan uummatatti bobbaasuun qarree fi qeerroo Oromoo jumlaan hidhaatti guuranii jiru. Isaan keessaa kanneen maqaa arganne.
1, Murteessaa Ahimad
2. Yoonis Indatoo
3. Gabii Indatoo
4. Guutoo Indatoo
5. Aliyyii Waaqoo
6. Muraadoo Qaasim
7. Aliyyii Sayid
8. Faaxumaa Idiriis fi
9. Makkiyaa Qaasim kanneen jedhaman reebicha hamaa irratti raawwachuun hidhanii jiru.
Dheengadduma Waxabajjii 15, 2024 aanuma kana bulchiinsa magaalaa Boolee keessatti kaadirootni fi milishoonni isaanii dukkaanota mara irra deemuun qarshii uummata harkaa saamaa ooluu jiraattonni magaalichaa ibsaniiru.
Rakkoo bilxiginnaan godinichatti dhalchee jiruun dargaggoonni fi namoonni hedduun gara biyya bakkee fi magaalota Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti godaananii rakkoo adda addaaf saaxilamaa akka jiran yeroo hedduu gabaasuun keenya ni yaadatama.




