• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Lixa Harargee aanaalee hedduu keessatti kaabinoonni aanichaa uummata walga’ii jechuun yoo rakkisan hidhaanis hedduu hammaate

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Yeroo itti uummanni Oromoo waan isa miidhuu fi hin miine adda baasee bare keessatti murni Bilxiginnaa sadarkaa gubbaarra jiran kaabinoota sadarkaa gadiitti jiran dirqama itti laachuun gochoota WBO hin ibsineen uummatatti akka hadheessaniif yeroo hedduu bakkeewwan baay’eetti akka waan WBO hololli cabsuutti yeroo uummata ittiin burjaajessan agarra.

Akka waan uummanni Oromoo waa’ee WBO hin beeknee fakkeessuun namoota dirqamaan diraamaa isaanii shiraa fi dabaan guutame sanaan fudhachiisuuf yeroo yaalantu muldhata.

Akka jiraataan godina Lixa  Harargee aanaa Odaa Bultum walga’ii isaanii irratti hirmaate tokko yaada isaa ONM’f himetti uummata aanichaa dirqamaan walga’ii erga baasaniin booda WBO’n naannoo kana dhufee waan jiruuf dirqama ofii keessanii baatanii sakkatta’uu qabdu jechuun dirqama  itti kennuu dubbate.

Itti dabaluunis namoonni dirqama kana hin fudhanne ilaalcha isaanii qabdu waan ta’eef tarkaanfiin jalqabaa kan keessan ta’a jechuun sodaa ofii isaaniif qaban gara uummataatti garagalchuun isin ajjeefna jedhanii doorsiisa raawwachaa turanis jedhan.

 Oduu hidhaan walqabatuun ammoo maqaa WBO deggaraa jirtu jedhuun namoota hedduu aanaalee godinichaa garaagaraa keessaa hidhanii hiraarsaa akka jiranis ibsan.

Aliyyii  Kadir kan jedhamu jiraataa aanaa Ciroo yoo ta’u gaafa Waxabajjii 14, 2024 loltoota sirnichaan qabamuun hanga ammaatti WBO deggarta jechuun namoota lakkoofsi isaanii hedduu ta’e waliin hidhamee rakkachaa akka jiru  dubbatu.

Namoonni fayyaalessi siyaasa keessaa harka hin qabne lakkoofsaan 100 ol ta’an mana hidhaa magaalaa Ciroo keessatti hidhamanii akka jiranii fi hidhamtoota keessaa ammoo maallaqa humnaa olii gaafachuun daldala isaaniis akkuma itti fufanitti jirus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading