• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn Lixa Shaggar aanaa Amboo keessaatti tarkaanfii fudhachuun diina du’aa fi madoon adabe

Jun 18, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024

Waraanni Bilisummaa Oromoo Bobbaa Irbuu Shinniggaan baadiyaa hanga funyaan Finfinnee jalatti humna isaa bobbaasuun irree isaa jabeessee bifa qindoomina qabuun hanga daannoo keessaa waraana faashistii PP buqqisuun ari’ee magaalaatti galchutti tarkaanfii itti fufee jira.

Bifuma kanaan Lixa Shaggar aanaa Amboo ganda Xulee keessaatti Waxabajjii 16, 2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu-Galeessaa Birgeediin Obomboleettii Cibraan Jaagamaa Badhaanee fi Cibraan Migira Bakkee wal ta’uun mooraa diinaa daannoo qotatee akka Xaddee sodaan keessaa bulu, akka bosonuu bir’ataa oolu itti dhaquun halkanii fi guyyaa walii wallaalchisee lafa jalatti sochoosee du’aa fi madoon adabuun kaanis harkaan qabee, meeshaalee garaagaraas irraa hiikkateera.

Gangalchee irraa hiikuutti kan beeku Waraanni Bilisummaa Oromoo gama meeshaatiin PKM 4, qawwee AKM hedduu fi rasaasa irraa hiikuun galii godhee jira.

“Afaaniin buukum jechaa, miillaan gara lagaa” akkuma jaldeessi jedhe waraanni PP lafa qotattee achiitti galuun asii homtuu nu kaasu jedhanii afaaniin dhaadachuun uummata sobaanis gaafa leenci baroodaa fi waan qabu baroochisaa qaxxisaa itti dhaqu, waraabettiin onneen dha’achuun kottee na baasiin baadiyaa gara magaalaa galuun barameera.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa❗️

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading