• Fri. Mar 13th, 2026

Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessaa namoonni mana hidhaarraa baafamuun ajjeefamuu fi saamichi jabaate

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Hireen saba Oromoo hiraarfamuu, ba’ee galuuf doorsifamuu, hidhamuu, saamamuu, ajjeefamuu yeroo ta’ee jirutti, qaamni seeraa dhibee uummatni cunqurfamee  haala hamaan ajjeechaa fi saamichi jabaatee irratti murtaa’uun gadadoon uummataa itti fufee jira.

Rakkoon namoomaa godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa bulchiinsa magaalaa Maqiitti jabaatee jiraachuun uummanni baadiyyaa keessaa waraana faashistii PP’n butamee erga magaalichatti geeffamee booda, dararaa guddaan irratti godhamuun manneen hidhaa irraa halkan baafamee ajjeefamaa jira.

Bifuma kanaan torbee darbe namoonni maqaan isaanii adda hin baafamin mana hidhaa magaalaa Maqii irraa walakeessa halkanii baafamuun gara Gaara Warjaa jedhamu biratti waraana faashistii PP’n geeffamanii bosona walakkaatti namoonni lama rasaasaan ajjeefamanii gatamuun barameera.

Guyyuma namoonni lamaan kunneen ajjeefaman dargaggoon tokko magaalaa Maqii keessatti osoo mana baankii keessaa maallaqa qarshii 21,000 baafatee ba’uu waraanni faashistii Abiy Ahimed maallaqa isaa harkaa fudhachuu qofaaf butanii gara mooraa waraanaa bakka oolmaa dargaggootaa turetti geessanii dararaa guddaa irraan erga ga’aanis maallaqaa fi bilbila harkaa waliin irraa fudhachuun  beekameera. 

Bifa haaraan magaalaa Maqii keessatti saamichi jabaatee jiraachuun lukkeeleen bilxiginnaa namoonni yeroo mana baankii seenuun maallaqa baafatanii ba’aniitti hordofanii saamuun jabaatee kan jiruu fi gariin namootaa ammoo yakka tokko malee manneen hidhaatii baafamanii ajjeefamuun haalaan jabaatee akka jiru jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading