ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Gareen faashistii PP bu’uura yeroo fi taatee uummata mudataa jiruuf haala mijeessuu dhiisuun, mormii uummanni adeemsa sirnichaa irratti qabu fashalsuuf xiinxala badii qabatanii guyyuu hawaasatti gad kan ba’an godina Jimmaa onotaa hundaarraa dubartoota walitti qabanii jiraachuun ifoomeera.
Bilxiginnaan tooftaalee ittiin qabsoon hawaasa Oromoo baduu qaba jedhee yaaduun guyyuu gadi kan ba’u kaleessa Waxabajjii 18, 2024 onoota godina Jimmaa hundaarraa dubartoota maqaa dinagdee dubartootaa jedhu maxxanfateen waamuun maallaqa baankii siinqeetti walitti akka qabaniif gorsa kennaafii akka turan maddeen keessoo nuuf eeraniiru.
Waltajjiin marii kun guyyoota 3-5’tti kan turuudha jedhamee kan yaadamu ogguu ta’u, mata duree waltajjichaan alatti siyaasa basaasummaa laachuufiif akka jiran beekameera.
Ergamni waltajjichaa inni lamaffaan sabbata dubartootaa irraa maallaqa baankii siinqeetti qusachiisuun, dubartoonni dhimma siyaasaa sirnichaa hubatanii ilmaan isaanii gara adda waraanaatti fedhii isaaniin akka erganiifis kaka’umsa itti horaa turan.
Kana malees maallaqni guuramu waraanaafis tajaajila hojii bilxiginnaa bitoofis akka oolu maddeen keenya himaniiru
Tarsiimoon bu’uuraan qiyyaafame kunis bal’inaan uummaticha biratti akka hubatamu taasisuuf sababoota adda addaa tarreessuuf yaalii gochaa akka jiranis itti dabaluun ibsuun, uummatichi yeroo ammaa maallaqa isaa irratti aangoo dhabuun isaan yaaddessuu dubbataniiru.






