• Tue. Nov 17th, 2026

Magaalaa Buraayyuutti jiraattota hidhuu fi dararuun hammaatee jiraachuun himame

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Ergamtootni maafiyaa PP magaalota Oromiyaa adda addaa irraa sabboontota Oromoo adamsanii ukkaamsuun bakka namni hin arginetti hidhuu fi achi buutee dhabamsiisaa kan jiran ta’uun ni beekama.

Waraanni goolessaan PP Waxabajjii 17, 2024 magaalaa Buraayyuu bakka addaa Gujee jedhamutti shamarree maqaan ishee Liidiyaa Tashoomaa jedhamtu badii tokko malee ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi eessuma isheen bira teessu ugguranii kan turan hoggaa ishee qabatan gadi dhiisuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Magaalaa Buraayyuu keessatti namoota hedduu bakka dhaloota isaaniin foo’uun manneen hidhaa maatiin hin argine keessatti hidhanii waggootaaf dararuu fi dhoksaan ajjeesanii gataa akka jiran jiraattotni ONM’f gabaasaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply