• Wed. Apr 15th, 2026

Lixa Harargee  aanaa Habroo keessatti hidhattootni sirnichaa dargaggoo tokko rasaasaan rukutuun madeessan

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024

Hidhattoota murna bilxiginnaa biratti rasaasaan nama dhahuun akka waan kubbaa  namatti darbataniitti  fudhachuun guyyuu lubbuu namaa fi qaama hir’uu nama gochuu jabeessanii jiru.

Waxabajjii 15, 2024 Lixa Harargee aanaa Habroo magaalaa Galamsoo bakka Keellaa jedhamutti dargaggeessa tokko rasaasaan rukutuun ajjeefne jedhanii boollatti darbanii yoo biraa deeman hawaasni achitti argee mana yaalaa geessuun lubbuun akka hafu godhanii akka jiran jiraataan bakkichaa tokko ONM’tti himeera. 

Dargaggoon rukutame kun bakki dhaloota isaa kan hin beekamnee fi waan inni qabatee jiru maallaqaa qabee hanga waraqaa eenyummaatti giiphii isaa keessaa kan fuudhan yoo ta’u, hanga ammaa kanatti lubbuun keessa haa jiraatu malee dubbachuu akka hin dandeenye illee dabaluun ibseera.

Dargaggoon kunis haalli fayyummaa isaa haala yaadessaa irra akka jiruu fi namumti haala qorichaa hordofee yeroon kennuuf illee  akka hin jirres dabaluun ibsuun, bakka sanatti namoonni hedduun haala yaadessaa ta’een yeroo gara yerootti ajjeefamaa akka jiran jiraataan kun ONM’tti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading