• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Harargee  aanaa Odaa Bultum gandoota baadiyyaa aanichaa keessaa uummanni mana hidhaatti guuramaa jiraachuu jiraattotni gandichaa ONM’f himan

Jun 19, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024

Gaaffii uummata Oromoo karaa nagaan deebisuu irra karaa humnaa fi humna waraanaa kan filatan kolonel Abiy Ahimedii fi fakkaattotni isaanii yeroo ammaa uummata nagaa maqaa WBO’n shakkuun dararaa hamaa irratti raawwachaa jiru.

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum gandoota akka  28, 25, 41, 26, 32, 27, 24, 31 keessaa Waxabajjii 16,2024 WBO’tu isin keessa jiraa of keessaa baasaa jechuun mana hidhaa magaalaa Burqaa keessatti uummata hidhanii gidirsaa akka jiran jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Huseen Umaree kan jedhamu jiraataa gandoota kanneenii yoo ta’u addatti hidhamtoota kanneen keessaa reebichi hamaan irratti raawwatamuu illee itti dabaluun ibsaniiru.

Akka jiraattotni jedhanittis WBO’n naannawaa isaanii akka hin jirree fi kaadiroonni fi waraanni sirnichaa shakkii fi sodaa WBO’f qaban irraa kan ka’e uummata jumlaan guuranii mana hidhaatti dararaa jirus jedhan.

Akkasumas yeroon kun waqtii qonnaa yoo ta’u, qonnaan bultootni kunneenis yeroo itti silaa lafa isaanii qotachuun nagaan jiraatan keessatti uummata xinnaa guddaa osoo hin jenne mana hidhaatti galchanii waqtii silaa oomisha bara dhufuu itti oomishachuun maatii isaanii jiraachifatan keessatti egeree hawaasa kanaa beelaan rukutuuf karoora jabaa godhatanii akka itti bobba’anis ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading