ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Sirni badee balleessaan bilxiginnaa qe’ee uummata Oromoo goolessuu jabeessee itti fufuun, dinagdee hawaasichaa loltoota gara laafina tokkollee hawaasaaf hin qabne itti bobbaasuun harkaa mancaasee qullaatti hambisaa jira.
Haaluma kanaan Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii magaalaa Laga Roobii keessatti Waxabajjii 14, 2024 loltoonni sirnichaa badii fi saamichaaf bobbaafaman kunneen saamicha hamaa magaalicha keessatti raawwachuun nama Taamiruu Didhaa Wayyeesaa jedhamu jalaa Puulii afur fi Joottoonii tokko qottoon jalaa caccabsuun maallaqa hedduus harkaa saamuu jiraattotni gandichaa himan.
Magaalicha keessaa namoota maqaan isaanii Hundarraa Yaadasaa, Zarihuun Gizaachoo fi dubartii Shuree jedhamtu guyyuma kana karuma irratti itti dhufanii reebicha hamaa irratti raawwachuun mana hidhaatti galchanii hanga yoonaatti hiraarsaa akka jiranis dabaluun ibseera.
Aanichuma gandoota akka Kuyyuu Gicii, Mooxee fi Hulluqoo Birbirsaa keessatti hidhaa, qabeenya saamuu, gubanii barbaadeessuu, saamichaa fi ajjeechaa yaaddessaa ta’e guyyoota sadan darban kana keessa raawwachuu isaanii sagantaa keenya darbe irratti gabaasuun keenya ni yaadatama.



