ONM-ABO Waxabajjii 19, 2024
Paartiin impaayera Itoophiyaa nagaa hawaasaa booressuun sababa malee ajjeesee, hidhee fi saamuun of ijaaree aangoorra buluu barbaadu bilxiginnaan, Oromiyaa bakkoota hundatti gochoota kana irra deddeebiin raawwachuun uummatni qe’ee, qabeenyaa fi lubbuu isaa akka dhabu taasisee jira.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Bijjiit keessatti gaafa Waxabajji 16, 2024’tti bari’u waraanni sirnichaa itti bobba’uun nama maqaan isaa Yohaannis Bal’inaa jedhamu ati deggeraa WBO’ti jechuun yoo qaban, mana abbaa isaa Obbo Bal’inaatii ammoo qarshii 94,000 kan mana baaburaa hojjechaa turan saamanii deemanii jiru.
Waraanni faashistii PP maallaqa saaman kana malees Obbo Yohaannis qabanii hiraarsaa jiraachuun kan himame yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka buusan wallaalanii maatiin rakkachaa jiru.
Namni Kun badii qabaatee osoo hin taane Oromummaan yakkanii qabuu kan dubbatan uummatni, yeroo baay’ee ganda isaanii keessatti irra deddeebiin gocha badii wal fakkaataa akkasii raawwachuu isaaniitti uummanni gaddee jiraachuu ONM’tti himaniiru.

