ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Sirni Faashistii Abiy Ahimediin durfamu gochoota rifaasisoo fi ajjeechaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwatuun miidhaa qaqqabaa jiruuf kan hin dhimmamne, aangoon sirnichaa akka tikfamu qofaaf hawaasni hiraarfamaa jira.
Madaa uummanni Oromoo yoomiyyuu hin daganne gochoota bara bulchiinsa Minilik caalaa hammina hojjetu dachaadhaan dabalaa kan jiru yemmuu ta’u, diddaa uummanni Oromoo tokkummaan agarsiisaa jiru kun ammoo sirnichi akka abdii kutatu taasisuu irraa kan ka’e yakkoota ciccimoo uummata irratti dalagaa jira.
Akka kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Doddotaa ganda Seeroo Dassitaa keessatti Waxabajji 18, 2024 manneen hawaasaa 20 ol gara jabummaa waraana koloneel Abiy Ahimadiin ibiddaan gubatee barbadaa’uu jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Jiraattonni manneen isaanii jalaa gubate kunneen yakka kanaan isaan ga’u hojjetanii osoo hin taane, maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu qofaan baarjaa sobaan yakkamuu akka ta’e barameera.
Namoonni manni jalaa gubates muraasni maqaan isaanii: Jamboo Faqoo, Maammush Jamboo, Bushurii Hajii fi Xaahir Bushurii kanneen nu ga’e muraasa ta’uun barameera.
Maatiin manni jalaa gubate kunneen mukeen jala bulaa kan jiran yoo ta’u, daa’imman roobaa fi qorra keessatti jalaa miidhamaa akka jiran beekameera.


