ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Aangoo siyaasaa fi seeraa abbummaan isaa uummata ta’e ijaaruu dhiisuun impaayerattii keessatti gaaga’amni ta’aa jiru sababa siyaasni dhiphatee fi wal qixxummaan hanqateen ta’uu bilxiginnaan gama isaan hidhaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa jira.
Akkuma kanaanis uummanni Oromoo waggaa oliif manneen hidhaa bilxiginnaatti yakka malee qabamuun hidhaman manni murtii walabaan gadhiisus ittisa humnoota poolisii fi warreen maqaa qaamolee nageenyaan socho’aniin kanneen dararamaa jiran danuudha
Qaamolee hojiilee mootummaatti bobbaa’anii hojjechaa turuun waraanni sirnichaa maqaa ergama WBO ba’achaa jirtuun shakkiin hidhanii jiran godina Arsii Bahaa aanaa Suudee bulchiinsa magaalaa Darrabbaa keessatti ji’a lamaan dura qabamanii hidhaman keessaa muraasni maqaan isaanii nu ga’ee:- Xaahaa Muhaammad kantiibaa magaalaa Kullaa, Aabbee Guutoo itti gaafatamaa milishaa ganda Kullaa 01: Kaamil Huseen waajjira bulchiinsaaf nageenya Suudee, Keeyruu bulchaa ganda Kullaa 01, Mushammam milishaa ganda Kullaa 01, bulchaa ganda Azuulee Sadaqaa fi Muktaar Taajuu hojjataa misooma qonnaa ganda Azuulee Sadaqaa WBO waliin hariiroo qabduun hidhamanii jiru.
Durarraa kaasee dargaggoota hedduu aanuma kana magaalaa Darrabbaa keessaa qabuun buufata poolisii aanichaa keessatti ajaja mana murtii diduun ji’a sadiif kanneen hidhamanii jiranis danuu ta’uun beekameera
Sababa walitti bu’iinsa dhuunfaa obbo Abuunaa Nashaa waliin qabuuf namni maqaan isaa Muktaar Sayidii jedhamu mana hidhaa onichaatti waggaa tokkoof kan ta’u hiraarfamaa jira.
Dabalataanis dubartii magaalaa Ciisaa keessatti buna gurgurtu finjaala ati buna ittiin gurgurtu alaabaa ofirraa qaba jechuun mi’a bunaas caccabsanii isheellee erga hidhanii baatii 8 guutuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



