ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
“Hidda malee xannachi hin dhiigu,” akkuma jedhan bulchiinsi abbaa ormaa gareen wal gurmeessuun impaayerattiin geggeessa jedhee caasaa ijaarratee hojii shiftummaa fi uummata nagaa shororkeessuu bakka adda addaatti jabeessee itti fufee jiru gara laafina tokko malee jumlaan ajjeesuu, buqqisuu, saamuu akkasumas dhukkubsattoota badii hojjechuu miti ofiifuu deemuu, ka’uu fi mana fincaanii dhaquu hin dandeenye naasuu dhabuufiin kan kunuunsii fi yaalli godhamuufii qabu hidhaatti geessuun dararaa jiru.
Akkuma kanaan Waxabajjii 10, 2024 Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa magaalaa Mannaa ganda 01 naannoo hospitaalaatti nama maqaan isaa Obbo Maammad Huseen Abduu fi intala isaa Daraartuu Mahaammad Huseen jedhamtu sa’a 2:00 irratti mana seenuun qabanii paatiroolii irra buusanii hidhaa geessuu dubbatu.
Obbo Mahaammad Huseen Abduu nama dhukkuba lamxii miilla nama kotteessu (paralyzed) jedhamuun qabamuun nama lafa ejjechuu hin dandeenyeef gargaarsa namaan deemu, mana fincaanii ba’uu kan hin dandeenye yoo ta’an, dhukkuba kanaanis erga qabamanii ganna tokkoof kan deeman ta’uun beekameera.
Akkasumas otuu obboleeyyan isaa, maatiin, jaarroleenii fi mucaan isaa kadhattuu “lakkii dhukkubsataadhaa hin qabinaa!” jedhanii jecha jaarrolee biyyaa kabaja qabanii tuffatanii to’atanii nama nagaa ofiifuu fayyaa hin qabne paatirooliin fuudhanii deemuun mana hiraarsaa keessatti dararaa akka jiran ibsan.
Maatiin isaa fi firootni deemanii gaafachuun namni kun dhukkubsataadha; kanaaf mirga wabiidhaan nuuf gadhiisaa jedhanii gaafatanis harkatti fashalsuun intala isaa immoo akka tajaajiltuuf jenneetu qabne mitii jechuun itti qoosan jedhu maddeen.
Kana malees olirraa eeruu nuu kennan jechuun namni Obbo Mahaammad Huseen fi intala isaanii qabsiise nama maqaan isaa Ibiraahim jedhamu ykn maqaa Matoo jedhamuun beekamu ta’uu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.






