ONM-ABO Waxabajjii 20, 2024
Bilxiginnaan bu’aa siyaasaa isaaf jecha mormii uummanni sirnicha irratti qabu qabsoo itti fufee godhamu keessatti fedhii uummatichaa ugguruuf ajandaa uumee gadi ba’uu malee rakkoo sabaaf taa’ee furmaata soqee hin beeku.
Biyyi mootummaa uummataa qabdu silaa sochii barnootaa, dinagdee fi siyaasaaf dursanii karoorfachuun barbaachisummaa hojiif haamilataa ta’anii sagantaa sabaaf uumanii hojiitti kan seenan garuu impaayerattii keessatti hawaasni dhukkuba baraan dhumuu malee furmaata waaraa hin qabu.
Bifuma kanaanis yeroo ammaa kana godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Sulula Finca’aa, Comman Guduruu, Guduruu, Abaaboo Guduruu, Amuuruu, Jaardagaa Jaartee, Abee-Dongoroo, Jimmaa Gannatii fi kanneen hafan biroo keessatti dhukkubni busaa garmalee uummata miidhuun namoonni hedduun dhumaa jiraachuun ibsameera.
Namoonni yaaliin karaa ogeessota impaayerattii keessaa homaa taasifamaafii kan hin jirre ta’uu himuun, mallatoolee akka: mataa dhukkubbii cimaa, garmalee qaama gubuu, hollachiisuu/ qorrisiisuu, maashaalee qaamaa hunda caccabsuu, ol deebisuu, dugda kutuu fi fincaan dhiigaan wal make irratti mul’achaa akka jirus itti dabaluun ONM’tti himaniiru.


