ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024
Seenaa qabsoo riphee loltoota addunyaa kanaa warreen bilisummaa saba isaaniif qabsaa’aa turanii akkasumas duula abbootiin irree riphee loltoota dhabamsiisuuf taasisaa turan keessatti mul’atee kan hin beekne, hidhaa, ajjeechaa, saamichi fi buqqaatiin golee Oromiyaa mara keessatti murna bilxiginnaan maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti geggeeffamu kan duraa caalaatti daran jabaatee itti fufee jira.
Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa keessatti gaafa Waxabajjii 18, 2024 galgala sa’a 3:00’tti nama maqaan isaa Indiris Sayid jedhamu hidhattootni sirnichaa osoo inni ooyiruu baadiyyaa isaa irraa galaa jiruu magaalicha keessatti iddoo loon itti gurguran dhaaba loonii jedhamutti eeguun rasaasa itti roobsanii ajjeessanii gatuu maddeen keenya ibsan.
Dargaggeessi ajjeefame kun badii dalageef osoo hin taane waan inni quuqama saba isaa qabaatee yeroo hedduu ajjeechaa fi dararrii murna bilxiginnaan hawaasa irra ga’u kan mormu ta’uu jiraattotni himuun, namni kun bara TPLF keessas waggaa 3 hidhamuun kan ba’ee fi erga koloneel Abiy Ahimed aangoo impaayerattiitti dhufees waggaa lama hidhamuun 2024 mana hidhaarraa kan ba’e ta’uu ONM’tti himaniiru.
Labsii murni bilxiginnaa magaalaa Harawaa keessatti baaseen dargaggoota hedduu maallaqa guddaa nyaachisee meeshaa itti hidhuun akka isaan sabboontota ilmaan Oromoo jala bu’anii hordofuun yoo isaan homaa gochuu dhabanis maqaa sobaa itti maxxansanii ajjeesuu, hiisisuu, qe’ee irraa buqqisuu, halkan mana namootaa irra deemuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon qarshii guddaa hawaasa irraa akka saaman gochuun magaalicha keessatti tooftaa kanatti dhimma ba’aa akka jiran kan himan jiraattotni, dargaggoo kanas hidhattootumti kun akka galaafatan dabaluun addeessaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit keessatti gaafa Waxabajjii 18, 2024 itti gaafatamaan aanaa Harxummaa Fursee Adam Wadaddar jedhamu maatii qabsaa’otaa kan ta’an Shamarree Zaaraa Umarshaa fi Faaxumaa Mahaammad jedhaman osoo isaan cidha irraa galaa jiranii magaalaa Caffaa Roobit keessaa qabanii reebicha hamaa irratti raawwachuun mana hidhaatti galchanii dararaa irratti geggeessaa jiraachuun barame.
Sababni shamarran kunneen qabamaniifis maqaa abbootii fi obbolootni keessan miseensa WBO ta’uun sirna keenya diigaa jiru jedhuun yoo ta’u, haalli yeroo ammaa isaan keessatti argamanis reebicha ulfaataa irratti raawwatameen rakkoo fayyaa akkaan yaaddessaa keessa jiraachuu fi achi keessaa ba’uufis maallaqa guddaa gaafachaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.
