ONM-ABO Waxabajjii 22, 2024
Waraanni Ameerikaa akka jedhetti, diroonii galaanaa Huutii afur fi kan qilleensa irraa lama Galaana Diimaa Yaman irraa fagaatee jiru barbadeessuu isaa ibseera.
Huutiin Iraaniin deggaramuun Sadaasa irraa eegalee dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessatti argaman irratti diroonii fi misaa’ela hedduu kan furguggisan yoo ta’u, haleellaan kun yeroo waraana Israa’el fi Hamaas Gaazaa keessatti raawwatame Falasxiinota deggaruuf akka ta’e ibsaniiru.
Ameerikaa fi michoonni ishee, keessumaa Biriteen, daandii bishaanii barbaachisaa ta’e kana keessatti dooniiwwan ittisuuf humna galaanaa dabaluu fi bakka Huutii irratti haleellaa haaloo bahuun deebii kennaniiru.
Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa ibsa kenneen humnoonni isaa kanaan dura “diroonii Huutii afur kan Iraan deggaraman Galaana Diimaa keessatti fi sirna qilleensaa lama Galaana Diimaa irratti barbadeessuu isaanii” ibseera.
Akkasumas Huutiin “hojjettoota Mootummoota Gamtoomanii, dippilomaasii fi miti mootummaa jalqaba baatii kanaa hidhaman dabalatee hidhaman hunda akka gadhiisan” gaafateera.
Huutiin jalqaba baatii kanaa namoota qaama toora basaasaa Ameerikaa fi Israa’el jedhan hedduu to’annaa jala oolchuun, kanneen hidhaman “haguuggii dhaabbilee idil-addunyaa fi dhaabbilee UN” jalatti hojjetan jedhan.
Itti aansuudhaan hooggantoonni dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii jahaa fi dhaabbilee miti mootummaa idil-addunyaa sadii hojjettoonni isaanii akka gadhiifaman waamicha waloo kan dhiyeessan yoo ta’u, itti gaafatamaan mirga Mootummoota Gamtoomanii Volker Turk himannaa basaasaa kana “aarii guddaa” jechuun kuffiseera.
Huutiin waraana biyya keessaa yeroo dheeraaf ture kan rakkoo namoomaa addunyaa irratti isa hamaa ta’e keessaa tokko kaase irratti bobba’aniiru jechuun Arab news gabaaseera.



