• Fri. Mar 13th, 2026

Baha Shaggar anaa Dugdaa Booraa keessatti waraanni goolessaan bilxiginnaa manneen hawaasaa gubuun dhagaa’ame 

Jun 23, 2024

ONM-ABO Waxababajjii 22, 2024

Bilxiginnaan uummata biraa deggersaa fi fudhatamiinsa  dhabuun bulchiinsi abbaa irree aangoon kiyya raafamaa jira jechuun, saba guddaa ta’erratti jabinaa fi cimina aangoo isaa agarsiisuun miidhaa gurguddaa raawwachaa jira.

Sirni uummata nagaa saamee, ajjeesee, mana irratti gubee fi hidhee hin quufne guutuu Oromiyaatti gochaa seenaa fi seeraan itti isa gaafachiisu yeroodhaa yerootti ilmaan Oromoo irratti taasisuu godina Baha Shaggar keessatti daran jabeesee jira.

Bifuma kanaanis Waxabajjii 20, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa Booraa ganda Jirmee Booraa jedhamutti waraanni gabroomfataan PP yakka tokko malee manneen jiraattotaa ibiddaan gubuun barbadessuun ifoome.

Namoota manneen jalaa gubate maqaan isaanii: Obbo Jimaa Tolaa fi Bobbaa Goobanaa kanneen jedhaman meeshaalee mana keessaa guutuu dabalatee  midhaan isaan mana keessaa qaban cuftuu gubatee barbadaa’uun beekameera.

Hawaasni balleessaa tokko malee qabeenyaan isaa waraana faashistii PP’n gubachaa jiru kunneen waqxii gannaa kanatti daa’imman isaanii waliin rakkachaa jiraachuunis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading