ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Irree fi gachaanni sabaa WBO’n godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsiitti korommiiwwan Gaara Cilaaloo Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa waraana maafiyaa PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan tarkaanfii laalessaa kaleessa Waxabajjii 22,2024 fudhateen du’aa fi madoon adabee foon alaattii sooreera.
Tarkaanfii guggubduu aanaa Heeban Arsii ganda Ambaa Goda-Sadee iddoo addaa Mi’eessaa jedhamu keessatti ganama barraaqaan risaan gaara Aluutoo loltoota murna nama nyaataa Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota 16 battalatti irraa ajjeessuun 22 madeesseera.
Kana malees rasaasa PKM saanduqa tokko, hidhannoo guutuu fi meeshaalee yaala fayyaa garaagaraa irraa booji’uun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Zoonii Lixaa Bobbaa Irbuu Shinniggaan Waxabajjii 21, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Najjoo ganda Humna Waaqayyoo bakka addaa Aabboo fi Boojjii Birmajji ganda Darroo keessatti tarkaanfii laalessaa konkolaataa 3F lamaa fi humna lafoo irratti fudhateen diina hedduu du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Guutuu tarkaanfii kaleessa Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee fi Guutoo Giddaatti fudhatame oduu galgalaan qabannee isiniif dhiyaanna.










