ONM ABO Waxabajjii 23, 2024
Bilxiginnaan sirna EPRDF duraan ture caalaatti hammeenyaa fi hiraarfama godhuun lammiilee nagaatti maqaa meeqa itti maxxansee hidhee hiraarsuu jabeessuun godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti jumlaan jiraattota hidhee jira.
Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo dhaabbilee mirga isaaniif falman dhabuun manneen hidhaatti qorqalbii miidhamanii hojii fi barnoota isaanii irraa addaan citanii maqaa isin WBO’f odeessa funaantu jedhuun dararaa kan argaa jiran lakkoofsi isaanii hedduu dha.
Magaalaa Naqamtee keessa namootni badii tokko malee hidhamuun dararaa argaa kan jiran yoo ta’u, maatiin mirgi wabii akka eegamuuf gaafatanis qaamni iyyata isaanii fuudhu hin argamne.
Mana hidhaa gandoota magaalaa Naqamtee keessatti namootni hidhamanii jiran ammaaf kan maqaa arganne, Guddataa Waaqgaarii ganda 04’tti hidhamee kan jiru, Qananiisaa kan jedhamu hiriyyaa isaa fi Doqdoqqee isaaniis waliin ganda 07’tti hiraarfamaa kan jiranii fi Martikeet Alamayyoo ammoo Kumsaa Morodaa keessatti hidhamtee akka jirtu beekameera.
Magaalaa Naqamteetti lukkeeleen bilxiginnaa hedduuminaan bobbaafamanii akka jiranis himamuun, namnuu haala hamaa fi hiraarfama guddaa keessa akka jirus itti dabaluun jiraattonni ONM’tti himaniiru.

