• Sat. Jan 10th, 2026

Bobbaa Irbuu Shinnigaan WBOn Zoonii Madda Albuuda Humna Weerartuu PP hedduu du’aa fi madoon adabee jiraachuu beeksise

Jun 24, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2025

Waraanni Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Madda Albuudaa Cibraan Odaa Adoolaa guyyaa kaleesaa Waxabajjii 22/2024 aanaa Wadaraa ganda Heebbaa Hiddatii fi Gadamsoo keessatti tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti fudhateen loltoota 18 ol dhabama yoo godhu hedduu ammoo madeessee jira.

Jajjabeen Kibba Oromiyaa firiileen lafa albuudaa tarkaanfii ergamtoota Abiy Ahimed irratti fudhatan itti fufuun har’a ganama Waxabajjii 23 Birgeediin Biiftuu Bariitii fi Cibraan Laga Dambii wal ta’uun tarkaanfii mooraa waraana PP aanaa Sabbaa Boruu ganda Haraggeessa Booroo irratti fudhataniin du’aa fi madoon adabuun guutumaan guutuutti keessaa qulqulleessanii jiru.

Tika maqaan isaa Culuqqee jedhamu dabalatee loltoota impaayera nafxanyaa hedduu soora allaattii taasisuun mooraan diinaa aanaa Sabbaa Boruu naasuun raafamaa jirti.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading