• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee  aanaa Kombolchaa keessatti saamichi uummatarratti raawwatamaa jiru daran hammaate

Jun 24, 2024

ONM ABO Waxabajjii 23, 2024

Saamichi uummata qaala’iinsi jireenyaa itti hammaatee jiru kanarratti raawwatamaa jiru daangaa dhabuun guyyaa saafaa ergamtoonni PP qabeenya namootaa saamaa jiru.

Haaluma kanaan Jimaata darbe Waxabajji 21, 2024 godina Baha Harargee  aanaa Kombolchaa Araddaa Tuullaa keessatti bulchaan Araddichaa Rubii  jedhamu loltoota sirna PP waliin ta’uun maqaa deggersa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun qarshii kuma tokko tokko irraa fuudhaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Kanneen hin qabnu jedhan ammoo namoota dhibba lamaa  ol ta’n mana hidhaatti galchuun hidhanii dararaa jiraachuu fi namuu maatii isaa agabsuun waan qabu gurguree mana hidhichaa keessatti hafuu irra jechuun kaffalanii bahaa akka jiranis ibsan.

Aanaa Konbolchaa kana keessatti namoota mararraa dirqiin kan funaanaa jiran yoo ta’u, qarshii kuma dhibba sadii fi soddomii tokko funaanuun uummata qaala’iinsi jireenyaa jiruu itti hadheessee jiru  yaaddoo keessa galchanii rakkisaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading