• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn Qellem Wallaggaa aana Sayyoo keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Jun 24, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irree isaa jabaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan agarsiisuu itti fufuun har’a Waxabajjii 23 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyoo magaalaa Dorgommee keessatti tarkaanfii laalessaa tiksitoota barcuma Abiy Ahimed magaalaa Dorgommee buufattee jirtu irratti fudhateen injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Tarkaanfii jabaa kanaanis loltoota PP kana irraa 10 battalatti yoo ajjeesuu gariin madeessuun, sadii ammoo booji’ee jira.

Gama meeshaan qawwee AKM 6, rasaasa AKM 570, rasaasa bireenii 960, jorooraa abbaa 200 tokko fi hidhannoo 6 irraa hiikee dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun waraana PP mooraatti hafte fincaan garaatti ol deebisee jira.

Bobbaan_Irbuu_Shinniggaa itti fufa ❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading