• Sun. Mar 15th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina adabe fi meeshaalee yoo hiikatu, magaalaa godinaa Ficheetti Gaachana Sirnaa harkaan qabe

Jun 25, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Irree fi gaachanni sabaa WBO’n duula Irbuu Shinniggaan ergamtoota Abiy Ahimed irratti tarkaanfii guggubduu fi akkaan rifaasisaa fudhatuun injifannoo boonsaa galmeessuu itti fufee jira. 

Abdii fi gaachanni sabaa WBO’n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa haaraa Dareessaa jedhamu keessatti dheengadda Waxabajjii 23, 2024 galgala sa’a 11:00 irraa kaasuun lola ergamtoota murna bilxiginnaa waliin  halkan keessaa hanga sa’a 8:00’tti taasisaa tureen waraana maafi’aa PP konkolaataa 10 maqaa WBO balleessinaan dhufte irraa loltoota 18 battalatti ajjeesuun 25 madoo dandammii hin qabneen geggeesseera. 

Haleellaa qeeransichi Kaaba Oromiyaa WBO’n ergamtoota Abiy Ahimed irratti taasise kanaanis, bireena tokko rasaasa bireenaa 200, qawwee AKM 5 fi rasaasa AKM 300 waliin irraa hiikee moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisuun poolisii bilxiginnaa tokkos lolicha keessatti harkaan qabee jira. 

Waraanni faashistii PP haftes baaraaguun reeffaa fi madoo ishee guurrattee humna dabalataa waammachuun eegaa turte.

Sanbata darbe Waxabajjii 22, 2024 galgala keessaa leencichi Giddu Galeessa Oromiyaa Kaaba Shaggar magaalaa guddittii godina Fiichee seenuun mooraa Gaachana Sirnaa ganda 04 irratti tarkaanfii fudhateen mooraa waraana bilxiginnaa raasuun Gaachana Sirnaa 2 ajjeesee gariin madeessuun,  2 jiraatti harkaan qabee jira.

Murni bilxiginnaa sakatta’iinsa guyyootaa fi ji’ootatti hiree WBO irratti geggeessuun baadiyyaa keessaa baasneerra jedhus, akkuma Ajajaa Olaanaan ABO-WBO Gumaacha Irbuu Shinniggaa irratti nuti baadiyyaa hin jirru, magaalaa fi karra Finfinnee jala dibamnee teenya jedhan jajjabeen WBO magaalaa godinaa Fiichee seenuun rasaasaan hurgufee rifatuun bulchuun Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo karooraan deemuu fi waan jedhe raawwachuuf ga’umsa qabaachuu isaa itti agarsiiseera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading