ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Uummanni bilisummaaf wareegama barbaachisu hundaa kaffaluuf murteeffate, daandii isaa hamaa fi qabsoon isaa hadhaawaa ta’u illee bilisummaa barbaadu ofii isaaf gonfachuuf hojiitti jira.
Kanumaan kan wal qabatuun uummanni Oromoo lubbuu qeerroo fi qarree wareegee sirna EPRDF kan kuffise, bulchiinsa mataa isaa ijaarrachuu dadhabuurraan impaayerattii keessatti wareegama haaraa kaffaluuf dirqamuun lubbuun lammiilee guyyaa guyyaan akka baalaatti harca’aa oola.
Sarbamiinsi mirgoota namoomaa keessatti raawwachaa jiraachuu kan himan jiraattonni godina Baha Harargee aanaa Malkaa Balloo Dilbata darbe mana hidhaa onichaa irraa jiraataan maqaan isaa hin beekamin tokko waraana faashistii PP’n baafamee ajjeefamee gatamuun ifoomeera.
Akka jiraataan magaalaa Jaajaa nuuf himetti dargaggoon kun guyyaa irraa sa’a torba irratti mana hidhaa keessaa baafamee ajjeefamuun, gara araddaa Ifabaas jedhamutti geeffamee awwaalamuun beekameera.

