• Wed. Nov 25th, 2026

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa  Jamoo fi Furii keessaa ilmaan Oromoo bakka dhalootaan fo’amuun mana hidhaatti galanii dararamaa jiru

Jun 27, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Ani Oromoodha, kana booda osoo ani jiruu Oromoon hin garboomu, akkasumas qorannu malee hin hiinu jechuun jalqaba yeroo aangootti dhufe koloneel Abiy Ahimed onnee uummataa ittiin seenuuf, akkasumas hawaasa keessatti jaallatamummaa argachuuf jecha dubbachuun abdii uummatatti horuuf yeroo yaalu kanneen yaa marqa si afuufuun si liqimsuuf akkuma jedhame sana kan ilaalan muraasa.

Har’a garuu uummanni Oromoo qorannu malee hin hiinuu sana osoo hin taane mana murtiitti dhihaachuun kan hin jirree fi qaamuma seeraati jedhamanii warreen hawaasa keessatti bobbaafamaniin qe’een qonnaan bultootaa gubachuu  fi ajjeechaan jumlaan irratti raawwatamaa jira.

Waggoota shanan darban irraa kaasuun dargaggoonni Oromoo magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota Oromiyaa iddoowwan hedduutti bakka dhaloota isaanii qofaaf keessattuu dhalootaan Lixa Shaggar fi Wallaggaa kanneen jedhaman balleessaa isaanii malee lafa hundatti hidhaa fi ajjeechaan irratti raawwatamaa jira.

Jalqaba seensa baatii kanaa irraa kaasee magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Furii fi Jamoo qofa keessaa dargaggoonni Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an bakka dhaloota isaaniin foo’amuun isin deggertootaa fi caasaa WBO’ti jedhamuun kanneen dhalootaan Lixa Shaggar ta’an waajjira poolisii Jamoo ganda 04 keessatti hidhamanii akka jiran jiraataan magaalichaa tokko ONM’f himeera.

Namoonni hidhamanii jiran kunneenis maqaan isaanii  Beenyaa Damee fi Naggasaa kanneen jedhaman dhalootaan aanaa Cobii yoo ta’an komaandara magaalaa Furii kan ta’e Addunyaa Leellisaa fi Kabaddaa Kifluu Gindabarat,  Dashinii Leellisaa, Baatuu Abarraa, Gazzuu fi Caalaa  Dabalaa, kanneen jedhaman dabalatee namoonni hedduun bakka dhaloota isaanii qofaan foo’amuun hidhamanii gidirfamaa akka jiran barameera.

Dabalataan manneen namoota kanaa sakkattaa fakkeessuun faayaalee fi wantoota adda adda mana isaanii keessaa saamuu illee dabaluun ibseera.

Akkasumas guyyuma kaleessaa  Waxabajjii 24, 2024 manneen namoota hedduu kanneen dhalootaan Lixa Shaggar ta’an jalaa diiguun qorqorroo isaa konkolaataatti fe’achaa akka turan jiraataan naannichaa  ONM’tti himeera.

Leave a Reply