ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Artist Soorsaa Lammii kan dhalatee guddate godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam yoo ta’u garuu waggoota dheeraaf Lixa Harargee magaalaa Cirootti akka guddatetu himama.
Waggoota dheeraaf aartii Oromoof gumaacha olaanaa taasisaa kan ture yoo ta’u, dhibee yeroo dheeraaf irra tureen yaalamaa turuun, hospitaala Phaawuloositti dheengadda du’aan addunyaa kanarraa umurii isaa waggaa 60’tti boqochuun himame.
Artist Soorsaa Lammii waggoota 30 oliif aartii Oromoo keessatti gama weelluu fi koomeediin aartii fi afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha olaanaa nama bahataa ture ta’uun ifoomeera.
Artist Soorsaa Lammii itti aanaa dura taa’aa Waldaa Komidiyaanoota Oromoo ta’ee tajaajilaa akka ture seenaan isaa ni ibsa. Artist Soorsaan abbaa ijoollee yoo ta’u, ilma dhiiraa 1 fi ijoollee durbaa 4 waliigala abbaa ijoolee 5 ture.
Artist Soorsaa Lammii gameessa aartii Oromoo fi nama gara lafeessa quuqama mirga namoomaa ta’uu isaa seenaan isaa kan ibsuudha.
Artist Soorsaan sirni awwaalcha isaas guyyaa har’aa mana obboleessa isaa Finfinnee naannoo CMC Addabaabaay Yetabaabbaru kaafamuun Bataskaana Yooseef naannoo Saaris Maammootti kan raawwatame yoo ta’u, nama hedduu rakkatee, hedduus dhukkubsatee turtii dhiphina booda dhibeen itti hammaatee boqate.
Maatiin Soorsaas rakkoo hammaattuu keessatti kan argaman ta’uu isaa odeeffanneerra. Ammatti maatii fi daa’imman Soorsaa deeggarsa lammii kan barbaadan ta’uu odeessi jiru ni mul’isa.







