ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Maddi sadarkaa olaanaa tokko akka jedhetti, Wiixata kaleessaa Masriin bakka Israa’el qabattee jirtutti hojii qaxxaamuraa Raafaa kamiyyuu akka diddu irra deebitee mirkaneessiteetti jedha.
Maddi kun itti dabaluudhaan akka ibsetti, Masriin Mootummoota Gamtoomanii waliin qindoominaan gargaarsi karaa qaxxaamuraa Kaarem Abu Saalem yeroodhaaf gara Gaazaatti akka seenu yoo heyyamtu, kunis hanga qaxxaamurri Raafaa hojiitti deebi’utti.
Torban sadan darban keessatti dhaabbileen Masrii qondaaltota UN waliin qindoominaan konkolaattonni gargaarsaa 2,272 gara Gaazaatti akka seenan maddi kun hubachiiseera.
Dilbata darbe Ministeerri Fayyaa Falasxiin Gaazaa akka mirkaneessetti, humnoonni Israa’el naannoo Gaazaa keessatti ajjeechaa sadii maatii irratti raawwachuu isaanii, sa’atii 24 darban keessatti namoonni 101 du’uu fi 169 madaa’uun gara hospitaalaatti geessuu isaanii mirkaneesse.
Miidhaamtoonni hedduun caccabaa jalaa fi daandii irratti akka hafan, gareewwan ambulaansii fi ittisa siiviiliitiin akka hin dhaqqabamne hubatameera.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka gabaasetti, Onkoloolessa 7 irraa eegalee lakkoofsi namoota weerara Israa’el kanaan du’anii 37,551 fi 85,911 madaa’aniiru. Odeeffannoon kun kan ba’e gabaasa istaatiksii guyyaa guyyaan lakkoofsa namoota Falasxiinota weerara Israa’el itti fufee jiruun du’an irratti bahu keessatti yoo ta’u, amma duutii fi madoon kun Gaazaa keessatti guyyaa 260’ffaa ga’eera.



