ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Murnoonni bilxiginnaa bara bulchiinsa isaanii dheereffachuuf halkanii fi guyyaa gamaa gamana utaalanii ifaajaa jiraniin uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachuun garmalee dararuun waan fedhii isaanii dirqamaan guuttachaa jiru.
Godina Jimmaa ona Saqqaa Coqorsaatti ergamtootni murna bilxiginnaa “maashina ijaarsa gamoof oolu binna” jechuun qarshii hedduu hawaasa onichaa irraa guuraa jiraachuun ibsameera.
Murni gabroomfataan PP dinagdeen isaa kufuu gaafa baru, sabbata haadha hiyyeessaa quba kaa’uun uummata Oromoo irraa qarshii guuree isa kaan ol tuullatee harka muraasa immoo qarshuma uummata irraa funaaneen waan xiqqoo hojjetee ijatti mul’isuun sossobbiin gurra coomsaa kan jiru ta’uun ifaa dha.
Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti, ona Saqqaa Coqorsaatti ergamtootni impaayerichaa ”maashina ijaarsa gamoof oolu binna” jechuun qarshii 500-5000’tti uummata dirqamsiisuun irraa fuudhaa jiru.
Nama kaffaluu dide hidhanii dararaa jiraachuu fi yeroo adda addaatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun uummata irraa qarshii guuraa jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



