ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024
Namoota Waxabajjii 19, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Oromoo Kabiroo jedhamu irraa hidhan tarkaanfii armaan dura WBO’n fudhachaa ture isintu nurratti fudhachiisaa ture jechuun isaanis amma tarkaafiin du’aa irratti darbuu qabaan namni maqaan isaa Muhaamad Huseen Turturoo jedhamu kan yeroo dheeraadhaaf mana murtii keessaa hojjechaa ture ragaa sobaa warra mana hidhaa jiran irratti qopheessuuf hojjechaa jira.
Akka maddeen jedhanitti namoota ammas mana hidhaatti guuruuf barbaadaa jiran hangas jedhamee kan hin beekamne ta’uu fi doorsisni gama nama kanaatiin hawaasa irra qaqqabu jireenya isaaniif yaaddoo ta’ee jira jedhu.
Namoota badii isaanii malee hidhan kana maatiin akka hin dubbisne gochuunii fi dhukkubsatanis yaala dhorkachuun dararaa irratti raawwachaa jiraachuus maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

