• Wed. Nov 25th, 2026

Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbiitti waraanni impaayera Itoophiyaa uummata nagaa fi abbootii qabeenyaa hidhaatti guuraa jiraachuun ibsame

Jun 26, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Waraanni impaayera Itoophiyaa gaafa Waraanni Bilisummaa Oromoo du’aa fi madoon adabee ari’ee harkaan qabu, inni kaan dheessee gara magaalaatti “yaa kotte na baasi” jechuun baqatee uummata nagaa siyaasa kam keessa hin jirre hidhuu, saamuu, mana gubuu fi ajjeessuun aarii isaa kan itti ba’atu yommuu ta’u, godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbiitti waraanni lola dheessee holola buufu, uummata nagaa hidhaatti guuruu hammeessee jiraachuun himameera.

Waraanni sansakkaa waraanaa hin qabne kun gaafa Waxabajjii 20, 2024 “obboleessa kee Toofikiin fidi” jechuun nama maqaan isaa Mubaarik Imaamuu jedhamu sababa tokko malee hidhuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Abbootii qabeenyaa magaalichaa yeroo yeroon irra deddeddeebiin doorsisaa turuu fi qarshii garaa ittiin guuttatan hanga fedha isaanii gaafachuun dararaa kan jiran ta’uu kan himan jiraattonni, magaalichatti kanneen hidhamanii dararamaa jiran hedduu ta’uus dubbatu.

Namoonni maqaan isaanii: abbaa qabeenyaa Obbo Mahaammad Awwalee, Obbo Taliilaa, Obbo Baqqoo, Aadde Abbabuu Addunyaa, Aadde Soofiyaa Bakuree fi kanneen biroo mooraa Saaxxeetti hidhamanii dararamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.

Namoonni kunneen sababii tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf kan hidhamanii fi dararaa hamaa kanneen argaa jiran ta’uu itti  dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply