ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Murni hidhanii ajjeesuu malee tajaajila hawaasaa kennuun rakkoo lammiisaa furuuf karoora hin qabne bilxiginnaan, karaa miidiyaalee isaan oduu sobaa afuufaa ooluu malee waan qabatamaa hojjeteefii kan hin beekne, akka hojjetanii jiraatan dhorkuun qe’ee irratti lubbuu obbaasuun gariin qaama hir’uu taasisaa oolaa jira.
Haaluma kanaan Waxabajjii 22, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat Araddaa Dirree Dagaagaatti murni weerartuu PP naasuu ilma namaaf hin qabne hawaasa dalagaa mataa isaa dalagatee jiraatu irratti maqaa WBO deggartu jedhuun bakka qonnaa isaa keessatti nama Abdoo Baldaa jedhamu ajjeesanii jiru.
Kana malees dargaggoota maqaan isaanii; Battee Fayyee Dhugoo fi Warquu Battee Badhaasoo kanneen jedhaman bakkuma qonnaa isaanii keessatti rasaasa itti roobsuun madeessanii jiraachuu jiraattonni aanaa Boosat Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Kana malees Guyyuma kana bakka addaa Saalaa jedhamee beekamutti nama Xaasoo Margaa Handaarsaa jedhamu qe’ee isaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesaniiru.


