ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Hawaasni Oromoo Baha Oromiyaa rakkoo hoongeen gammoojjummaa babal’ateen hawaasni qotatee buluu dadhabuun yeroo itti beelli hammaatee jirutti, uummata rakkoo dinagdee qaban kana oomisha isaanii gabaa irraa saamuu dabalatee saamicha maallaqaa lafa sanatti geggeessaa jiraniin hawaasichi hiraarfamaa jira.
Waraanni saamichaaf guyyuu bobbaafamu maqaa hariiroo WBO waliin uumtanii jirtu jedhuun jiraattota Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadoot jedhamu irratti saamicha labsuun tokkoo tokkoo namootaa irraa qarshii 500 fudhachaa jiraachuun ibsameera.
Saamichi adeemu kunis yeroo yeroon bifa jijjiiratee itti fufee kan jiru ogguu ta’u, namoonni maallaqa kaffalan dhabanis hidhaatti guuramaa akka jiran beekameera.
Waraanni faashistii PP maallaqaan of ijaaruuf jecha uummata irraa maqaa qabeenya WBO’ti, ittiin deggertuu fi hojii misoomaa bilxiginnaan karoorse ittiin raawwanna jechuun manni gadi dhaabbate kan hin saamamin hin jiru.


