ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024 Bilxiginnaa fi waraanni isaa diinummaa uummata Oromoo irratti agarsiisan itti fufuun guyyuu saamaa, ajjeesaa, buqqisaa, gudeedaa fi hidhaa oolu.
Murni lubbuun ilmaan Oromoo kumaatamaan harkatti dhumaa jiru, jechoota akka dammaatti minyaawu dubbachuun abdii sobaa qonnaan bultoota Oromootti horee har’a garuu faallaa jecha isaa namoota sirnicha qofaaf hojjetan, kanneen Koloneel Abiy Ahimed jajanii fi faarsaan angaa’ota isaa ta’uun shiraa fi dibbee cubbuu isaaf tuman hundaaf aangoo irratti aangoo dabaluufiin jireenya gaarii jiraachisaa qe’ee Oromoo hedduu ammoo dhiiga boossisaa jira.
Waxabajjii 24, 2024 Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti dargagoo Lammaa Quufaa, Qachaa Godaanaa fi Caalaa jedhaman badii tokko malee sababa waraqaa eenyummaa yeroo sanatti qabatanii hin jirre qofaaf qabanii mana hidhaa waajjira poolisii aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti geessuun hidhaan dararaa jiru.
Namoota kanneen keessaa dargaggoon tokko barataa Yuunivarsiitii Baahirdaaritti barachaa ture ogguu ta’u, boqonnaa gannaaf maatii isaa bira galee jiraachuu hiriyyoonni isaa ibsuun, namoonni hedduunis sababa tokko malee qabamanii mana hidhaa magaalaa maqii keessatti argamu jechuun ONM’tti himaniiru.




