ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
Imaammanni fi tarsiimoon ittiin lammiilee biyyaa guddisanii fi tiksan kan harkaa mucucaate bilxiginnaan ilaalcha maseenaa galma hin geenyee fi uummata hin fayyadne baachuun gocha qaanessaa ta’een uummata yeroodhaa gara yerootti hiraarsaa, saamaa, ajjeessaa akkasumas ukkaamsanii lafa buutee dhabamsiisuun hawaasa nagaa boossisaa oolu.
Haaluma kanaan kashalabboonni sirna akka saree maraattee raafamaa oolu kanaan bobbaafaman godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuutti Waxabajjii 13, 2024 irraa kaasee badii waraanni goolessituun PP qe’ee qotee bulaa irratti ajjeechaa hanga qabeenyaa saamuutti raawwachaa jiraniin ganda Sankooraatti Aadde Nagaashee kan buna danfiftee gurguruun of jiraachiftu gaaffii tokko malee rasaasaan adda keessa dha’uun ajjeesan.
Ittuma dabaluun achuma ganda Sankooraatti mootora uummataa shan gubuun sadii fudhatanii yoo deeman, dukkaana keessa waan jiru uffata, saamunaa, miriindaa, maallaqa mana faarmaasii dhuunfaa irraa fi qoricha qarshii kuma dhibbaan lakkaa’amu fudhachuun harka qullaatti uummata hambisan.
Akkasumas ganda Dangee keessatti saamicha geggeeffameen Gammachuu Dhugumaa jalaa sangoota 2, Taakkalaa Gammachuu jalaa qoricha qarshii 150,000, Kabbadaa Mokonnoon jalaa qarshii 5000, Tolasaa Tarrafaa jalaa qarshii 7000, Zamanuu Kabbadaa jalaa saawwan lama, Biqilaa Dinquu jalaa saawwan afur, ganda Gabaa Ayyaanaa irraa Obbo Addisuu Nugusee jalaa jenereetara lama guban.
Ganda Dhibbaa Bashir jedhamu keessattis Abarraa Ayyalaa jalaa qarshii 150,000, Habtaamuu Asaanaa jalaa immoo qarshii 100,000 jalaa fuudhuun beekameera.
Ganda Gaattiraa Danbii jedhamu keessatti Obbo Faxxanaa Nuqus jalaa damma Shokoksaa tokko, Dabalaa Nuqus jalaa sa’a tokko, re’ee tokkoo fi hoolaa sadii, Ayyaanaa Gudduu jalaa qarshii 7040, Lammeessaa Yaadataa jalaa sa’a lama Gammachuu Ayyalaa jalaa sangaa tokko yoo fuudhan, walumaagalatti rakkoo netwoorkiif malee qabeenyi loltoota bilxiginnaan saamame fi manca’e miliyoona 10’tti kan tilmaamamu ta’uu jiraattonni himan.
Magaalaa Haroo keessatti Waxabajjii 24, 2024 sa’a 3:00’tti nama afur ajjeesaniiru. Namootni kunneenis: Baqqalaa Abbabaa ganda Sankooraa irraa kan qabame umuriin isaa 60, Ogeessa fayyaa Galataa Asaffaa ganda sankooraa irraa kan qabame ,akkasumas ogeessa fayyaa Habtaamuu Jogoraa ganda Sugee irraa, Dirribaa Taaddasaa kan jedhamu guyyaa dheengaddaa hawaasa keessatti ciibsanii rasaasa irratti roobsanii ajjeesuun beekameera.
Dabalataanis Waxabajjii 23,2024 aanaa Eebantuu keessatti ajjeechaa fi saamichi ganda Birbirsa Dabbeettaa jedhamu keessatti Fiqaaduu Waaqjirraa abbaa ijoollee 8, Fayisaa Doorsis, Abrahaam Nagaasaa barataa kutaa 8’ffaa yoo ajjeesan qeerroo Dirribaa Abdiisaa qabanii achi buutee dhabamsiisuun Lammeessaa Qanaatee irraa qarshii kuma 80,000 fudhachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.



