• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Baha Wallaggaa aanaa Diggaa keessatti waraanni faashistii PP jiraattota jalaa loon saamuun himame

Jun 27, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024

Jiraattonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatan hidhattoota murna abbaa irreen socho’an adda addaa humnoota poolisii, milishaa fi waraanaan manni, midhaanii fi qabeenyi irraa gubachaa jiraachuu  akkasumas saamamaa akka jiran irra deddeebiin himatu.

Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeessaalee  adda addaa dhiibbaa sirnichi taasisaa jiru  yeroo garagaraatti gabaasaa akkuma ture jiraattonni aanaa Diggaa saamicha waraanni sirnichaa irratti gochaa jiruun qe’een isaanii golgola’aa akka jiru dubbachuun ifoomeera.

”Meeshaa gurguddaa kan hidhatanii bobbaafaman waraanni faashistii PP, Obbo Diinee kan jedhamu jalaa Waxabajjii 25, 2024 aanaa Diggaa ganda Malkaa Bayeettii iddoo addaa Buquliitti qabeenyaa guddaa fi loon 25 saamuun akka deeman beekameera.

Maanguddoon kun dhuunfaatti manni isaanii qabeenya keessa jiru waliin saamamuu  fi qabeenyaan ‘hangana hin jedhamne’ jalaa barbadaa’uus himan.

Hawaasni Oromoo waraana faashistii PP’n saamamaa jiran qaamni isaaniif birmatu dhibuun waqtii gannaatti yeroo amma bokkaan roobuu jalqabee jirutti hawaasnis sochii waraana sirnichaa guyyuu baqachuun laga keessa daa’imman waliin hiraarfamaa akka jirus dabaluun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply