ONM-ABO Waxabajjii 27, 2024
NATO’n Roobii kaleessaa Mark Ruttee barreessaa olaanaa itti aanu gochuun muuda yoo muudu, kunis muummicha ministeera Nezerlaand aangoo irraa ka’an itti gaafatamaa dhaabbata nageenyaa guddicha addunyaa ta’uun nageenya Awurooppaaf yeroo murteessaa ta’etti kaa’eera.
Muudamni Ruttee kan mallatteeffame ambaasaaddaroota NATO’n walgahii waajjira muummee gamtaa biyyoota 32 Biraaselsitti taa’aniin ture.
Michoonni NATO Maark Ruuttee akka na bakka bu’u filachuu isaanii haala ho’aan nan simadha, jedhan Stoltenberg.
“Maark nama dhugaa Atlaantiik qaxxaamuree, hoogganaa cimaa fi waliigaltee uumuudha jedhan.
Rutte’n deeggarsa Waayit Haawusii fi Jarmanii dabalatee biyyoota miseensa gurguddoo biroo irra caalaan qabaatus, gufuuwwan hedduunis isa mudataniiru.
Ministeerri Muummee Nezerlaand Maark Ruut, nama qusannaa Yuuroo jaallatuun Awurooppaa booji’ee jiruudha.
Murteen NATO sagalee guutuun murteessuu isaatiin miseensi kamiyyuu pirojektootaa fi hojiiwwan irratti sagalee mormii ni kenna.
Turkiinis dorgommii Rutte’f mormii dhageessiftee turte garuu mormii ishee ji’a Eblaa keessa kaafte jechuun France 24 gabaaseera.

