• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa ona Haaruutti loltoonni  impaayerattii walii isaaniitii walitti dhukaasuun wal ajjeesuu fi wal madeessuun isaanii dhagaa’ame

Jun 27, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024

Loltoonni Abiy Ahimed kaayyoo murna bilxiginnaa osoo hin hubatin fedhaanis ta’u dirqamaan itti seenuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi ammas kan jiran yeroo baay’ee walii isaaniitii walitti garagalanii walitti dhukaasuun lubbuu walii isaanii balleessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Lixa Wallaggaa ona Haaruutti loltoonni impaayerattii wal ajjeesuu fi wal madeessuun isaanii himameera.

Akka maddeen keenya eeranitti, “loltoonni Abiy Ahimed maqaa sakatta’insa WBO’n ba’anii ona Haaruu naannoo Gaara Bakakkoo jedhamu qubatan guyyaa kaleessaa jechuun gaafa Waxabajjii 25, 2024 loltoota sirnichaa biroo ona Gimbii irraa bobba’an waliin bakka Bakakkoo jedhamutti walitti ba’uun osoo wal hin argiin WBO’tu nutti dhufe jechuun walii isaaniitii walitti dhukaasuun akka baalaatti gadi wal harcaasan” jechuun dubbatu.

Loltoonni hedduun rasaasa walitti roobsuun battalatti yoo lubbuu walii balleessan, kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an immoo madoo dandammii hin qabneen wal adabanii jiraachuun himameera.

Gochaan akkasii mooraa bilxiginnaa keessatti irra deddeebiin mul’achuun hoogganni wal qorachaa fi wal hidhaa turuun ni beekama.

Leave a Reply