ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024 Murni impaayera Itoophiyaa dargaggoota Oromoo dirqamaan butuun ukkaamsee gara mooraa leenjii waraanaatti ergaa kan jiruu fi loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun amanuu dadhabee yeroo irraa gara yerootti dararaa hamaa irraan ga’uu irra darbee ajjeesaa kan jiru yommuu ta’u, loltoonni sirnichaa baay’een isaanii dararaa hamaa fi dhiibbaa sirnichi qabu kana mufachuun mooraa waraana PP dhiisanii kaayyoo dhugaatti amanuun gara irree fi gaachana sabaa kan ta’e WBO’tti makamaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee ona Cawwaaqaa irraa poolisiin humna addaa tokko gara Waraana Bilisummaa Oromootti makamee jira.
Akka poolisiin kun jedhutti, “hidhata WBO qabda” jechuun shakkanii ji’oota hedduuf Waajjira Poolisii ona Cawwaaqaatti dararaa hamaa irraan ga’uu himata. Hooggansi keenya Amaaraa waan ta’eef, afaan tokko jala deebisuu fi jechoota Oromummaa calaqqisiisan dubbachuun yakkamaa nama taasisa jechuun rakkoo achi keessa jiran ibsa. Miseensoonni waraanaa ga’een isaanii qajeelfama osoo hin taane, yaada hooggansaa guutuu qofa. Seera irratti hundaa’uun poolisoota gaaffii mirgaa gaafatan farra sirnaa fi WBO waliin hidhata qabdaan hedduu ajjeesan” kan jedhu poolisiin mooraa diinaa keessaa ba’e kun, gochaa isaanii kana taa’ee ilaaluun yeroo naaf galutti gara kaayyoo dhugaatti dhaqeera jedhe.
WBO bira ga’ee erga sochii bilisummaa Oromoof taasifamaa jiru ilaaluun saba ofiif qabsaa’uun akkasitti” jechuun miira abdii qabuun dabalee dubbate.
Gaafa Waxabajjii 23, 2024 akkuma mana hiraarsaa irraa baheen guyyaa dheengaddaa jechuun gaafa Waxabajjii 24, 2024 mooraa PP keessaa qawwee AKM 1 fiduun galii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof taasisuu isaattis gammachuu itti dhagaa’ame ibseera.





