ONM-ABO Waxabajjii 26, 2024
Duguuggaan sanyii uummata Oromoo irratti murna bilxiginnaan banamee jiru jabaatee itti fufuun keessattuu dargaggoonni Oromoo fi qonnaan bulaan Oromoo ajjeechaa suukkanneessaa seera waraanaa hin ibsinee fi namni nama irraa dhalate gocha jibbisiisoo akkanaa kan hin raawwanne yeroo ammaa raawwachuu irratti argamu.
Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 25, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Qarsaa Mirxii keessatti dargaggoo maqaan isaa Dajanee Guutamaa jedhamu loltoonni sirnichaa magaalaa Bonii irraa bahan dabballee WBO’ti jechuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himan.
Akka jiraattotni jedhanittis guyyaan kaleessaa guyyaa gabaa magaalaa Bonii ture, dargaggoo kana erga ajjeesanii booda reeffa isaa lafarrra harkisuun magaalicha keessa naannessanii Dabballee WBO ajjeefne jechuun uummatatti agarsiisaa akka turan illee jiraattotni kunneen dabaluun ibsaniiru.
Aanichuma keessaa ganda Jawwee Bonii fi Badhaas Qorichaa keessaa Waxabajjii 22, 2024 dargaggoonni sadii ajjeefamuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.
