• Fri. Mar 13th, 2026

Beelli magaalaa guddoo Sudaanii fi naannoolee birootti  babal’ateera

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii Kamisa kaleessaa baase akka jedhetti, Sudaan keessatti waldhabdee ji’oota 14 booda namoonni gara miiliyoona 8.5 ta’an hanqinni nyaataa garmalee isaan mudachaa jira jedhe.

Sanadni kun akka jedhutti amma beelli magaalaa guddoo Kaartuumii fi bulchiinsa Jaaziraa jedhamtutti babal’ateera.

Argannoon kun kan argame jalqabbii Ramaddii Marsaa Wabii Nyaataa Walitti Makamaa (IPC) kan dhaabbilee  Mootummoota Gamtoomanii, gareewwan gargaarsaa, mootummootaa fi qaamolee biroo kudhan ol kan haammateedha.

“Waldhabdeen kun buqqa’iinsa ummataa fi daandii dhiyeessii, sirna gabaa fi oomisha qonnaa jeequu qofa osoo hin taane, gargaarsa namoomaa barbaachisaa ta’e akka malee daangessee, haala duraanuu hamaa ta’e hammeessa,” jedha gabaasni kun.

Waraanni biyya keessaa Sudaan rakkoo buqqa’iinsaa addunyaa irratti isa guddaa kan uume yoo ta’u, namoonni miliyoona 11 ol ta’an mana isaanii dhiisuuf dirqamaniiru.

Namoota 14,000 ol ajjeesee, 33,000 ammoo kan madeesse yoo ta’u, ogeeyyiin mirga namoomaa  Mootummoota Gamtoomaniif hojjetan ajajoonni waraanaa jiran lamaan nyaataa fi beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaniiru jedhan.

Haa ta’u malee, yeroo ammaa jeequmsi kun haala adda ta’een, lola dura jiru caalaatti biyyattii guutuu irratti dhiibbaa kan qabu yoo ta’u, naannoo Gaanfa Afrikaa guutuu tasgabbii dhabsiisuuf sodaachisaa jira jedhan itti gaafatamtuun Sagantaa Nyaata Addunyaa Siindii Maakeen.

“Hojii gargaarsaa keenya guddisuu akka dandeenyuuf, akkasumas Sudaan gara balaa namoomaatti ce’uu ishee dhaabuuf, qaqqabummaa fi maallaqa gargaarsa namoomaa guddaa babal’isuu hatattamaan nu barbaachisa,” jette.

Walumaa galatti namoonni miiliyoona 25.6, jechuunis ummata biyyattii miliyoona 47 keessaa walakkaa ol, yeroo ammaa hanga Fulbaana gidduutti ”rakkina ykn haala hammaataa” isaan mudata jechuun Doochii Waleen gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading