• Fri. Jul 24th, 2026

Falmaan uummata Oromoo WBO’n Gujii Lixaa aanaa Qarcaa keessaa hidhataa sirnichaa tokko dhuunfate

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Waraana bututaa impaayerattii mitii ofiyyuu eeguu hin dandeenye murni bilxiginnaa meeshaa itti hidhuun baay’eedha haa jedhaniif bobbaase qaruuxeen WBO iddoowwan adda addaatti adamsuun jiraatti meeshaa waliin harkaan qabuun moonaa qabsoo Oromoo gabbisaa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 27, 2024 halkan WBO’n Gujii Lixaa aanaa Qarcaa ganda Baddeessaa seenuun Waraana Biraanuun Juulaa waraanni keenya addunyaa irratti barbaadamaadha jedhu osoo inni rafuu isaa fi meeshaa isaa AKM 1 fi rasaasa 30 waliin dhuunfatee ba’uun beekameera.

Loltuun kunis akka jedhetti ani fedhii kiyyaan miti kanan sirnicha tajaajilaa jiru, dirqamuma natti laatameefin meeshaa kana sodaa lubbuu kiyyaaf jedheen irraa fuudhe, yoon hin hidhadhu jedhes na ajjeesu jedheen fuudhe jechuun dubbate.

WBO’nis meeshaa isaa irraa dhuunfachuun barnoota laateefii nagaan galee maatii isaa akka tajaajilu taasisuu gabaasni WBO bakkichaa irraa ONM qaqqabe ni addeessa. 

Bobbaan Irbuu Shinniggaa labsamuu hordofee jajjabeewwan WBO Zoonii Kibbaa diina hedduminaan wal guurtee gandoota baadiyyaa aanichaa keessa deemuun uummata dararaa turte tarkaanfii guggubduu irratti fudhachuun ar’iee baasuun mooraa diinaa baaraagsaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading