ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Bilxiginnaan yeroo ijaarsi hawaaasaa jijjiramuu qabutti taayitaa isaa tursuuf loltoota kuma dhibbootaan qe’ee hawaasaatti bobbaasee dhiitee bulchuuf hojjechaa jira.
Hooggantoonni murna maafi’aa PP diimokiraasii jalqaba irraa kaasee afaaniin malee qabatamaan agarsiisuuf fedhii kan hin qabne, hojii isaanii jiraattota hidhaan dararuu, ajjeesuu fi egeree sabichaa gabrummaa umurii guutuu taasisuuf dargaggoota abdii biyyaa ta’an jiraatti jibbee hojii badii irratti raawwataa oola.
Gareen faashistii PP kun hidhattoota isaa Shaggar Siitii bulchiinsa magaalaa Buraayyuutti bobbaasuun dararaa hamaa raawwachaa jira.
Akka jiraattonni ONM magaalaa Buraayyuu irraa dubbise nuuf himanitti namoonni daandii gubbaatti humnoota waraanaa fi milishootaan qabaman danuu ta’uu kan himan yoo ta’u, namootni kunneenis bakki isaan geeffamaa jiran hanga har’aatti wallaalamuun maatiin ilmaan isaanii manneen hidhaa keessaa barbaadanii dhabaa akka jiranis dabaluun ibsaniiruu.
Jiraachuu fi du’uu ijoollee keenyaa wallaalle kan jedhan maatiin dargaggoota ukkaamfamaa jiranii, barnootaaf ba’anii kanneen achi buutee dhabamsiifamaa jiran hedduudha jechuunis himu.
Rakkoo gurguddaa diigamuu manneenii, buqqaatii fi saamicha dabalatee irratti raawwachaa jiruun dararamaa kan jiran jiraattotni magaalaa Buraayyuu, kana keessaa ba’uuf Oromoon yoo wal ta’ee fincila isaa murannoo fi naamusa cimaan waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasise qofa dha jechuun dhaamsa dabarfataniiru.

