• Thu. Sep 24th, 2026

Godina Arsii Bahaa aanaa Roobeetti manneen jiraattotaa waraana faashistii PP’n diigamuun yoo itti fufu, ona Suudeetti  saamichaa fi doorsisni cime

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Seenaa impaayera Itoophiyaa keessatti heerri barcuma abbootii aangoo tiksuu qofaaf mirga kennee angaa’onni sirna ofii geggeessan keessatti uummata giddu galeessa kan hin taasisne maqaa mirga dimookraasii dubbachaa faallaa isaa hojjetu.

Biyyoonni hedduun hawaasa isaaniif bu’uura aangoo tolchuun bakka seerota wayyeessuun barbaachisutti wayyeessanii, ittin hojjachuun kan fafa qabus mormuun sabaaf dhaabbatu.

Haa ta’u malee impaayeerri Itoophiyaa lammii keessa jiraatan addaan qoqqoodee kaaniif jireenya gaarii kan hawwu saboota warra biroof ammoo gadadoo fi du’a qe’ee isaanii irratti labsuun gadda walii deemuu fi taa’uu yakka taasisee jira.

Kanumaan kan wal-qabatu jiraattonni godina Arsii Bahaa aanaa Roobee kantiibaa magaalichaa kan taate Aadde Zaaraa Wanbaraa anis Aadde Adaannech Abeebee kantiibaa magaalaa Finfinnee gadi miti jechuun dhaadannoo ishee manneen jiraattotaa diiguu irratti fuulleeffattee akka jirtu jiraattonni dubbatu.

Maqaa rifoormii haaraa jedhuun sagantaa mannee jiraattotaa diiguu qabattee kan jirtu namoonni hedduun sodaa manni kiyya ni diigama jedhuun shororkaa guddaa keessa akka jiranii fi kanneen diigamaa jirus jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis onuma Roobee gandoonni tokko tokko sodaa irraa kan ka’e zoonii, caasaalee milishaa fi gareen diigamaa waan jiruuf wal-shakkii irraa kan ka’e bifa haaraan zooni fi garee ijaarra jedhanii yeroo yaalanitti namoonni hin hojjannu jechuun didanii baadiyyaa irraa gara magaalaatti baqatanii jiraachaa akka jiran jiraattotni aanaa Roobee himan.

Gandi Jeenaa fi kanneen biroo kaffaltii addaa addaa fi nyaata milishaa fidaa maqaa jedhuun hiraarfamaa akka jiranis dubbatu.

Oduu saamichaa fi doorsisaan wal qabatuun ammoo ona Suudeetti hawaasni karaa deemu dargaggeessa, jaarsa, jaartii fi qeerroo waamuudhaan bilbila bansiisuun sakattaa gochuun suuronni qabsaa’otaa keessatti argamnaan qarshii 10,000 hanga 20,000’tti adabaa jiru.

Irra caalaatti ammoo dargaggoota taanaan  qabamee adda waraanaatti ergama, akkasumas qarshiin adabbii uummata harkaa guuramu ammoo milishaa qabee geesseef dhibbantaan akka citus beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading