• Thu. Sep 24th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti loltoonni faashistii PP walitti dhukaasuun ajajaa dabalatee namoonni shanii ol ajjeefamuun dhagaa’ame 

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 28, 2024

Keessoon sirna bilxiginnaa shiraan kan guutame yoo ta’u, hojii isaan guyyaa guyyaan raawwatan sirnicha badiitti oofaa jira.

Bilxiginnaan osoo sirna dimookraasii jabeeffachuun, gaaffii bu’uuraa siyaasaa  karaa nagaa deebisee jeequmsi amma kana impaayeerattii kan hin mudanne ta’uu mala. Har’a garuu furmaatni bulchiinsa impaayeerattii afaan qawwee qofaa ta’uun keessoon sirnichaa akka raafamu godheera.

Uummatni akka impaayerattiitti waraana guddaa, kan baasii guddaa gaafatuu fi sirna dimookiraasiif yaaddeessaa ta’uu malu ijaaruun hin barbaachisu yeroo jedhutti, bilxiginnaan waraana naamusa hin qabne  ijaaree yaaddoo lammiileetti uumee jira.

Haaluma kanaan dheengadda Waxabajji 24, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo mooraa magaalaa Jaarsoo keessatti gartuulee heera Impaayeerattii irra ejjetanii, akeeka abbaa irree haaraa ta’u tarkaanfachiisuuf dhama’anii fi warreen sabboontota ta’an gidduutti lola dhalateen ajajaa waraana faashistii PP koloneelii tokko dabalatee namoonni shanii ol ajjeefamuun hedduun madaa’uun beekameera.

Lolli gartuulee waraana sanyummaa fi dhiibbaa hawaasa irratti raawwatan gidduutti dhalateen mooraan sirnichaa kan raafame hanga gabaasni kun qindaayetti moorichi jeequmsa guddaa keessa akka jiru ONM odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading