ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024
Sirni dabaan ijaarame bilxiginnaan uummanni Oromoo hojjetee of jijjiiruun kan itti hin tollee fi hiyyummaatti kuffisee akka jilbeenfataniif barbaadu guyyaarraa gara guyyaatti akka uummatni gaddaa fi gadadoo keessa jiraatu gochuun farrummaa isaa guyyaa guyyaan raawwatu hammeessee jiraachuun ni beekama.
Akka kanaanis godina Baha Shaggar aanaa Luumee ganda Ejersaa Joorroo fi Unguugii Baqalee keessatti waraanni sirnichaa itti bobba’uun gandoota kana lamaan keessa qonnaan bultoota lafa isaaniirra qotatanii jiraatan dhorkuun ganda kana lamaan irraa lafa qonnaa hektaara 200 ol isin WBO quunnamtu jedhanii irraa ari’uun ofii tiraaktera qonnaa finnee qonna jechuun karoorfatanii akka jiran ibsan.
Akka namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti qe’ee isaanirratti Oromoon roorrifamaa jiraachuu fi wabii dhabuun isaanii hedduu kan isaan mufachiise ta’uu kaasuun silaa mootummaan aangoorra jiru lammii isaaf daddabalee dirree hojii banuun guddina lammiileef karoorfachuun kan irraa eegamu ta’us, bulchiinsa abbaa irree kanaan kan nuti of harkaa qabnuyyuu saamamaa jira jechuun gocha diinummaa murna bilxiginnaa Abiy Ahimediin durfamu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.









