• Wed. Sep 23rd, 2026

Godina Baha Wallaggaa ona Sibuu Sireetti waraanni nama nyaataa impaayera Itoophiyaa namoota lama ajjeesuun himame

Jun 29, 2024

ONM-ABO Waxabajjii 29, 2024

Sirni Oromummaa hadheeffatee mormu bilxiginnaan loltoota isaa baadiyyaa Oromiyaatti bobbaasuun duula ilmaan qotee bulaa Oromoo manaa gadi baasuun badii tokko malee tokko tokkoon funaanee ajjeesee fixaa kan jiru itti fufuun  faashistiin PP, godina Baha Wallaggaa ona Sibuu Siree ganda Caffee Jaalallee jedhamutti namoota lama ajjeesuun ibsameera.

Waxabajjii 23, 2024 ganda Caffee Jaalallee jedhamu irraa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf dargaggoota maqaan isaanii Mangistuu Taammanaa fi Takkaa Doktoree jedhaman rasaasaan dha’anii ajjeesuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Loltoonni sirnichaa gandicha keessatti irra deddeebiin dargaggoota ol adeemoo ta’an hedduu kichuutti kutaa turuu fi yeroo ammaa kana dhiibbaan mirga namoomaa adda addaa onichatti raawwatamaa jiraachuu itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading